WAASHINGITAN, DIISII —
Maaltaan dooniin ijoollee 100 irra hedduun Suaan irraa ta’an dabalatee koolu galtoota 356 baattee galaana irratti danqamtee turte Maaltaa akka qubattu eeyamte.
Muummichi ministeeraa maaltaa Jooseef Muskaat ergaa twiterii harka erganiin erga komiishina gamtaa Awrooppaa fi miseensota isaa keessumaa Ferensaayii fi Jarmanii waliin koolu galtoonni kun doonittii irraa akka bu’an mari’atanii booda mirkaneessaniiru.
Muskaat akka jedhanitti Ferensaay, Jarmanii, Irlaand, Luxembourg, Portugal fi Romaaniyaan koolu galtoota kana simachuuf walii galaniiru.
Kan alaabaa Noorweey of irraa qabdu dooniin Viking jedhamtu hanga adeemsi jiru xumuramutti torban lamaaf galaana Mediteraaniyaan irra turte.