Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Marii Nukleraa Akka Jalqabdu Eeguun Obsa Koo Fixaa Jira jetti Kooriyaa Kaabaa


Kooriyaan kaabaa har’a ibsa kenniten Yunaayitid Isteetis waliin marii itti fufuu ykn itti dhiisuuf qophee dha jechuun akeekkachiisuu dhaan Washington haala itti marii dhimma nukleraa lafa irra akka harkifatu gochaa jiru jijjiiruuf yeroo ga’aa qaba jechuun itti dabaluun akeekkachiiste.

Ergaa dhaabbata oduu waaltaa Keenyiyaa irratti darbeen ministeerri haajaa alaa Kooriyaa Kaabaa Ri Yong Ho gama isaaniinyoo Washington Pyongyaang irra uggura itti dabalaa kaa’e dogoggora ta’a jedhan.

Yunaayitid Isteetis akka hubattuuf ibsa ga’aa kennine jirra obsa gudaa dhaanis yeroo ga’aa kenninee jirra kan jedhan Ri-n falmii cimsaa fi dura dhaabbannaaf qophee dha jedhan.

Ibsi sun Kooriyaan Kaabaa Ameerikaa dhaaf soda guddaa taatee yeroo dheeraaf turti jechuun akeekkachiise.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG