Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Yunaayitid Isteetis Duraanii Warreen Gama Dhiyaa Shorokeessota Ilaalchisee Of Dagachuu Hin Qaban Jechuun Akeekkachiisan


Kan Yunaayitid Isteetisii fi michoota ishee shorokeessummaa irratti waraanni akka banamu dirqisiise haleellaa shorokeessotaa kan Fulbaana 11, 2001 jechuun waggaa 18 booda seenaan ofii isaa irra deebi’uu mala jechuu dhaan angawoonn farrra shororkeessummaa kanneen gadamoojja’an akeekkachiisan.

Daayriktera waaltaa farra shorokeessummaa Yunaayitid Isteetis duraanii, daayriktera duula farra shororkaa kan Britain fi gamtaa IS irratti qiyyaafate-tti jila Yunaayitid Isteetis dabalatee kaleessa galgala biyyoonni gama dhiyaa, hidhamtoota Siiriyaa fi Iraaq keessa jiran maal na dhibdeen ilaaluu akka dhaaban angawoonni duraanii garee namoota 13 of keessaa qabuu akeekkachiisaniiru.

Hookkarri al-Qaidaa, Talibaanii fi ISIS ennaa hammaataa adeemuu isaaf nuti ragaa dha jedhan.

Keessumaa mootaa al-Hol kan Siiriyaa Kaaba gama bahsaa kan namoonni kuma 70 qe’ee ofii irraa buqa’an keessa jiraantanitti fuuleffatan angawoonni kun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG