Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Miseensota ISIS To’annaa Jala Oolchuu Isaa Beeksise


Jeneraal Biraanuu Juulaa
Jeneraal Biraanuu Juulaa

Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa miseensota ISIS to’annaa jala oolchu isaa fi kanneen hin qabamin jiranis cimsee hordofaa jirachuu itti aanaa hoogganaan humnoota waraanaa Jeneraal Biraanuu Juulaa beeksisaniiru.

Raayyaan waraana biyyaa itti miira itti gaafatama guddaa dhaan biyyaa fi uummata balaa irraa eeguuf hojjetaa jiraachuus yaadachiisaniiru.

Jeneraalichi gaazexaa Addis Zemen waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin, ISIS Itiyoophiyaa keessa bakka garaagaraatti socho’uuf irra deddeebi’uun yaalii godhee duraa fashalus, naannolee biyyattii keessaa kan fo’ate, leenjii kan fudhatanii fi falasama isaan namoonni cuuphaman jiraachuu mootummaan sirriitti beeka jedhan.

Yeroo ammaa miseensonni ISIS maal gochaa akka jirdan, eessa eessatti sochii gochaa akka jiran, eenyu waliin hariiroo akka qaban, magaalaalee keessa kan jiran namoonni isaanii eenyuun akka ta’an, maal hojjetaa akka jiran, karoorri isaanii maal akka ta’ee fi ka biroo illee dhimmootii ibsuun hin barbaachifne illee hordoffii cimaan irratti geggeessamaa jira jedhan Jeneral Biraanuun. ISIS Itiyoophiyaa seeneera jechuun isaa uummata shorokeessuuf yaadee kan itti gargaarame waraana yaada sammuu ti kan jedhan jeneraalichi, uummati Itiyoophiyaa kana sodaatee kan rifatu miti, Iriyoophiyaa keessa seenee ISIS duulan oofa dandeettii jedhu hin qabu jechuu isaanii maddi oduu sabaa himaa mootummaa beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG