Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gorasaan Naga Eegumsa Biyyoolessaa Ameerikaa Aangoo Irraa Bu’uun Nu Fayyada Jetti Iraan


Gorasaan Naga Eegumsa Biyyoolessaa Ameerikaa
Gorasaan Naga Eegumsa Biyyoolessaa Ameerikaa

Gorsaan naga eegumsa biyyoolessaa John Bolton aangoo gad dhiisuun bulchiins prezidaant Doonaald Traamp Iraan waliin haala tasgabbii qabuun akka mari’atuuf haala mijeessa jechuu dhaan dubbi himaan mootummaa Iraan beeksisaniiru.

Ali Rabeeyii akka jedhanitti mallattoo imaammata Ameerikaa cimaa fi Iraaniif hamaa ta’ee ti. Minsitrii dhimma alaa Mohammad Javad Zariif dabalatee angawooni biyyattii irra deddeebi’uu dhaan Bolton muddama Iraanii fi Yunaayitid gidduu jiru mariin akka hin hiikamne mormaaa turan jedhan.

Ministriin haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Maayik Poompeeyoo kaleessa ibsa kennaniin Traamp Booltoniin aangoo irraa kaasuum imaammata alaa prezidaantichi qaban hin jijjiiru jedhan.

Poompeeyoon ministrii maallaqaa Steven Munikiin waliin ta’uu dhaan White Housitti shorokeessummaatti duuluuf uggura jiru cimsuuf kan dandeessisu ajaja qaama ol aanaa irratti mari’atuuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG