Lammiiwwan Ameerikaa har’a jechuun Fulbaana 11 haleellaa shorokeessotaa bara 2001 lammiiwwan biyyattii kuma sadii ta’an NY, VA fi Pennsylvaaniyaa keessatti galaafate yaadatanii oolan.
Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis – Doonaald Traampii fi haati-warraa isaanii, Melaaniyaa Traamp, har’a ganama sa’atii saddeetii fi afurtamii jaha irratti sirna calleensaan yaadannoo Waayit Haawus fuul-duratti geggeessame irratti argamanii jiran.
Sa’atiin kun, sa’atiin balalsiistonni xayyaara lamaa, Fulbaana 11, bara 2001, gamoolee Waaltaa Daldala Addunyaa magaalaa Niwu Yoork keessa turan itti haleelan ture.
Booda, mooraa waajira ministirii ittisaa Yunaayitd Isteetis – ka Pentaagoonitti, maatiilee namoota 184ii, yeroo xayyaarri ka biraan jara Al-qaa’idaan balalsiisame gamoo Peentaagoon haleeletti dhumanii duratti haasawa dhageessisan – Prezidaant Traamp.
Guyyaa waggoota 18 duraa sana ilaalchisuun ennaa dubbatanis, “guyyaa rifaatuu, shororkaa fi gadda hamaadhaan guutame ture” jedhan.
Garuu, har’a asitti walga’uun keenya, akka gochaa sana hin irraanfanne, cicha qabnu haaressuufi – jedhan.