Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Jijjirama Qilleensaa Akka Hin Mudanne Falman Yaalii Balalii London Danquuf Taasisan Hin Milkoofne


Faayilii - Hiriira jijjirrama qilleensaa laalchise hubannoo uumuuf Londonitti geggeeffame
Faayilii - Hiriira jijjirrama qilleensaa laalchise hubannoo uumuuf Londonitti geggeeffame

Kanneen jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf qabsaa’an balalii xayyaara dirree xayyaara London Hetroo danquuf jecha naannoo sanatti xayyaarrota nam-malee balalsiisuuf karoorsan iyyuu dirreen xayyaarichaa har’a banaatti oole.

Qabsaa’onni kun dirree xayyaara Hedtroo irraa fageenya km shanii irratti xayyaarota nam-maleeyyii sana balalsiisuuf karoorsanii turean. Akeeki isaanii mootummaan Briteen gaazii kaarbon jedhamu gara samiitti akka hin aarre akka gad xiqqeessu dhiibbaa gochuuf jecha.

Haa ta’u malee balaliin xayyaarota nam maleeyyii taaggolee dirreen xayyaarichaa hojii isaa idilee itti fufuu Rooyiters gabaaseera.

Gareen qabsaa’ota kanaa akka ibsetti dirreen xayyaaraa sun balalee xayyaara nam maleeyyii danquuf mallattoolee toora balalii ukkaamsuuf tarkaanfii fudhate. Mormii dirree xayyaara sanaan wal qabatee namooni lama har’a kaleessa immoo namoonni shan hidhamaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG