Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantin Afgaanistan Haleellaa Lubbuu Galaafate Jalaa Miliqan


Prezidaantiin Afgaanistan Ashraaf Gaanii haleellaa ennaa duula filannoo Parwaan keessatti geggeessan jalaa kan miliqan yoo ta’u haleellaa sanaan namoonni 24 yoo du’an kanneen 30 ol ta’an madaa’anii jiru.

Of wareegaan sun ennaa boombii motor saaykilii irraa keellaa waraanaa bakka namoonni itti wal ga’anitti ennaa ofitti dhoose prezidaantichi haasaa dhageessisuuf qophaa’aa turan.

Dubbi himaan ministrii dhimma biyya keessaa Nasraat Rahiimii ergaa twiiterii erganiin akka jedhanitti biilsa sana keessa kan ture eenyu irra iyyuu miidhaan hin geenye, duulli sunis ergasii itti fufeera jedhan.

Haleellaa sanaaf itti gaafatama kan fudhate Talibaan uummati bakka wal ga’ii duula filannoo irraa akka fagaatan akeekkachiisee, sochii dhimma filannoon wal qabate irratti haleellaa itti dabalaa kan geggeessu ta’uu dhaadatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG