WAASHINGITAN, DIISII —
Poolisiin xaaliyaanii namoota sadii kanneen koolu galtoota waaltaa hidhaa Liibiyaa keessaa dararuu dhaan maallaqa isaanii saaman to’annaa jala oolchee jira.
Abboonni alangaa Sisilii keessaa ajaja hidhaa lammiiwwan Masrii fi lammii Giinii tokko irratti kan dabarsan erga namoonni hedduun kan doorsisaa ture isaan ta’uu adda baasasnii booda.
Namoonni kun sadan waraana waraana Zawiiyaa kan Liibiyaa keessa kan ture mooraa koolu galtootaa hoogganaa turan.