Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Keellaa Boba’aa Keenya Irratti Raawwate Ni Balaaleffanna: Mooticha Saa’udii


Mootichi Saaudii Salman biyyi isaanii haleellaa oomicha boba’aa walakkaa ol ta’u dhabamsiisu irraa of ittisuuf dandeettii qabdi, garuu hawaasi addunyaa kanneen badii kana irraawwatan dura akka dhaabatan gaafataniiru.

Mootummaan Saaudii haleellaa sana keessatti meeshaaleen waraana Iraan itti gargaaraman jechuun irra deebi’ee jira, garuu ragaa hin dhiyeessine.

Ibsi sun kan prezidaanti Doonaald tramp Washingtonis haleellaa xayyaara nam maleeyyii geggeessameef Teeraantu itti gaafatamuu mala jedhani waliin kan walfakkaatu yoo ta’u, garuu qorannaa itti dabalaa barbaada jedhan.

Kaabineen Saaudii akka jedhetti haleellaan sambata halkanii sun oomisha boba’aa Riyaad barmeela miliyoona 5.7n kan gad cabse yoo ta’u nageenya addunyaa fi dhiyeessii enerjii addunyaaf balaa dha jedhee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG