Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa’el Filannoo Walii Galaa Geggeessaa Jirti


Israa’el har’a filannoo guutuu biyyaa geggeeffataa wayita jirtutti muummichi ministeeraa Benjamin Natanyaahuu mormituu isaanii hoogganaa waraanaa duraanii Benny Gaantz waliin dorgomaa jiran.

Yaadi uummataa akka mul’isutti dorogommiin kun akkaan walitti dhiyoo waan ta’eef eenyu akka injifatu hin beekamu.

Natanyaahuun duula filannoo isa dhumaa kaleessa ennaa geggeessan yoo deebisanii filataman qubusuma Juushota kan West Baank keessaa kan hoogganoonni Faalsxiin morman kan itti fufsiisan ta’uu dubbatan.

Kan yeroo dheeraaf Israa’eliin hoogganan Natanyaahuun himannaan malaammaltummaas irratti dhiyaate waan ta’eef marsa shanaffaaf aangoo irra turuuf dorgommii siyaasaa cimaatu isaan eeggata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG