Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaa Fi Ameerikaan Marii Dhimma Daldalaa Jalqabuuf Jiru


Angawoonni mootummaa Chaayinaa marii daldalaa kan sadarkaa ol aanaa baatii dhuftu geggeessamuuf hojii bu’uraa hojjechuuf jecha gara Yunaaitid Isteetisitti kan imalan ta’uu Chaayinaan beeksistee jirti.

Dhaabbati oduu biyyattii Xinhuaan akka gabaasetti itti aanaa ministeerri maallaqaa Liaayoo Miin roobii borii Waashingteniin seenuu dhaan gita isaanii ka bulchiinsa Traamp waliin wal arguu dhaan marii angawoota gameeyyii magaalaa galma mootummaa Ameerikaatti geggeessamuuf daandii saaquuf jiru.

Mariin marsaa haaraa kun kan murtaa’e jalqaba baatii kanaa ennaa muummichi ministeeraa Chaayinaa Liu Hee fi bakka bu’aan daldala Yunaayitid Isteetis Roobert Ligiziyeer fi ministriin maallaqaa Stiiven wal arganitti ture.

Prezidaant Traamp torban darbe dilaala marsaa haaraa doolaara biliyoona 250 meeshaalee Chaayinaa irraa galan irraa galan irra kaa’uuf dhaadatanii turan yeroo biraatti dabarsuun isaanii ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG