Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajajaan Milishaa Huttuu Ruwaandaa Repubilikii Koongoo Keessatti Ajjeesame


Silvester Mudachumuraa
Silvester Mudachumuraa

Kan yakka waraanaan shakkamee barbaadamaa ture – ajajaan milishaa Huttuu Ruwaandaa Repubilikii Koongoo Keessatti ajjeesame.

Hoogganaa Humna Dimookiraasummaa Bilisummaa Ruwaandaa yokaan FDLR jedhamuun beekamuu ka ture – Silvester Mudachumuraa har’a, kutaa Kiivuu Kaabaa keessatti ajjeesamuu isaa, maddeen waraana Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan.

Waraanni Koongoos ajjeesamuu isaa fuula Twiterii irratti mirkaneessee jira. “humnoota waraanaa tu naannoo daangaa Ugaandaa fi Ruwaandaa gidduu, bakka Rushuruu jedhamutti Mudaachumuraa ajjeese,” jedhuun oduu kana mirkaneesse – Waraanni Koongoon.

Gurmuun Mudaachumuraan hoogganu, bara 1994, yeroo ajjeechaa duguuginsa sanyii biyyattii irraa jalqabee Koongoo gama Bahaa keesa socho’aa ture.

Manni-murtii Yakka-waraanaa ka sadarkaa Addunyaa - ICCn, akka Mudaachumuraan qabamu, bara 2012 ajaja itti baase.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG