Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorataamn Tokkummaa Mootummootaa Gara Zimbaabuwee Imalan


Faayilii - hiriira butamuu doctor Piitar mormuudhan hojjattonni fayyaa geggeessan, Zimbaabuwee
Faayilii - hiriira butamuu doctor Piitar mormuudhan hojjattonni fayyaa geggeessan, Zimbaabuwee

Qorataan addaa ka Tokkummaa Mootummootaa – Kilement Voolee, haala qabinsa mirga dhala-namaa Zimbaabuwee, keessumaa waa’ee mirga walga’ii karaa nagaa geggeeffachuu fi jaarmayaa dhaabbachuu ilaalchisee qorannaa geggeessuuf guyyaa kudhaniif gara biyyattiitti bobba’anii jiran.

Yeroo gurmuuleen mirga dhala-namaa waa’ee qabsaa’onnii fi falmitoonni mirgaa biyyattii keessatti butamanii dhabamsiifamuu yaaddoo qaban ibsaa jiranitti qorataan mirga dhala-namaa Tokkummaa Mootummootaa kun gara biyyattiitti deeman.

Kanneen dhiheenya Zimbaabuwee keessatti butamanii fudhataman keessaa tokko – Hoogganaa Waldaa Dooktoroota Fayyaa – Gabri’eel Mogaambee ilaalchisee, Dooktoroonni fi nersoonni biyyattii shaamaa qabsiisuudhaan deebisamuu isaaf kadhataa jiran.

Ministarri Eegumsa Fayyaa Zimbaabuwee – Obedaayaa Mooyyoo garuu, waa’ee dhabamuu Mogaambee keessaa mootummaan akka harka hin qabne dubbatu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG