Koreen tika nagaa kan mana maree Yunaaytid Isteets kamiisa har’a cufataan qorataa olaanaa hawaasa tika nagaa Maaykil Atkins waliin walgahii gaggeessaa jira.
Kunis seera tumtoonni iccitii maddeen oduu dubbataa jiran kan seera tumtootaa fi bulchiinsa Traamp gidduu jiru maal akka ta’e caalaatti hubachuuf gargaara jedhama.
Atkiins akka ragaa ba’an godhamuun waliin-dubbii prezidaant Traamp fi hogganaa biyya alaa ka biraa giddutti ta’ee fi waadaa waliin seeniinsa qaba jedhame Gazexaan Waashington post eega gabaasee booda.
Gabbasni gaazexaan waashington post baase kun aangawoota yunanaytid Isteetes duraanii lama kanneen dhimmi kanatti dhiyeenya qaban hundee kan godhate ture.
Garu hogganaan inni kam Traamp waliin qunnamtii akka qabu ykn Traamp waadaa maalii akka seenan ifa galaa hin turre. Dura taa’aa koree tika nagaa kan mana maree yunaaytid Isteetes Adam Schiff akka ibsanti Atkins komee dhiyaate qabatamaa fi hatattamaan ilaalamuun akka irra ture kana malees akka seera biyyattitti kongreesatti gabaafamuun akka irra ture ibse.