Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traampiif Odeeffannoo Gaarii Qaba: Pompeyoo


Ministrii danta alaaa Yunaaytid Isteetes Maayik Pompeyoo
Ministrii danta alaaa Yunaaytid Isteetes Maayik Pompeyoo

Warshaa boba’aa Saa’udii irratti dhuma torban dabree haleellaa gaggeeffamee tureef deebii kennamuu qabu kan ilaaleen prezidaant Traampif odeeffannoo gaariin qaba jechuun ministriin danta alaaa Yunaaytid Isteetes Maayik Pompeyoo har’a dubbatanii jiru.

Kunis hogganoota Saa’udii Arabiyaa fi kan tokkummaa Emereetoota Arabaa waliin eega dubbatanii booda.

Pompeyoon akka jedhanti dhuma torban darbee walakeessa halkanii haleellaa misaa’eelaan gaggeeffameef Iraantu itti gaafatamtuu dha kan jedhu yaada hedduutu jira.

Haleellaa kanaan oomishnii boba’aa Saa’udii walakkaan yeroof ta’uus hojiin ala ta’an.Kunis oomiisha boba’aa addunyaaf dhiyaatu keessaa harka 6 ta’a.

Garu Yunaaytid Isteetes attamiin deebii kennuu akka qabdu hin dubbanne.Pompiyoon dhaaltuu gonfoo mootii Abu Dhaabii kan ta’an sheikh Mohammed Bin Zayed waliin eega dubbatanii booda Dubaay keessatti tuuta oduuf ibsa kennaniin tarkaanfii gama Diplomaasii yaaluuf yeroo hojjataa jirru kanatti ministeerri haajaa alaa Iraan immoo guutummaatti duula waraanaa labsuun fi hanaga lammii Amerikaa isa dhumaatti waraanuuf dhaadata jedhan.

Kanaaf dhimmi kana karaa nagaan furuuf as dhufnee jirra jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG