Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taleebaan Haleellaa Geesisuu isaaf Itti Gaafatama Fudhatee Jira


Namoota haleellaa boombii Kibxata, Fulbaana 17, 2019 Taaliban gechiisen midhan irra gahe keessaa
Namoota haleellaa boombii Kibxata, Fulbaana 17, 2019 Taaliban gechiisen midhan irra gahe keessaa

Mooraa dhaabbata tika nagaa Afgaanistaan isa QALAAT jiru cinatti kamiisa har’a ganama haleellaa bombii dhaqqabe Taalibaan itti gaafatama fudhatee ira.

Balaa kanaan yoo xiqqaate namnii 15 ajjeefamee kanneen biroon 90 caalan madaa’uun ibsame jira.Dubbii himaan mootummaa kutaa Gul Islam Seyal akka jedhanti namoota balaan kun isaan mudate keessa irra hedduun dubartootaa fi ijoollee kanneen dhukkubsatanii Hospitaala naannoo sana keessa turan.

Hospitaalli Zabul kan naannoo sanatti dhiyeenya qabu haala guutuummaatti jechuun danda’amuun barbadaa’uu isaa angawaan kutaa biyyaa ibsanii jiru.

Siviloonni Afgaanistaan keessaa hokkara hamaaf saaxilamuu fi bara darbee qofa kanneen ajjeefaman lakkofsaan guddaa ta’u tokkummaan mootummotaa beeksisee jira.

Waggaa kana jechuun bara 2019 baatilee isaan jalqabaa 6 keessatti siviloonni 1366 ajjeefamanii kanneen biroon 2446 madaa’uu waajirri qaama tokkummaa mootummotaa tokko beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG