Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoolleen Afrikaa Dagatamaa Jiraachuu Gabaasni Haaraan Beeksise


Ijoolleen Afrikaa keessaa caalaatti dagatamaa deemuu irraa bara 2030 ykn waggaa 10 booda addunyaa irratti hiyyeessoota jiran keessaa kan Afrikaa walakkaa akka ta’u gabaasaan haaraa ba’e hubachise.

Akeekkachisii kun kan kenname hogganoonni addunyaa 150 caalan walgahii misoomaa kan Tokkummaa Mootummotaa Niwu Yoork keessatti Fulbaana 25 taa’uu fi haala itti hiyyuma addunyaa irraa ittisuun danda’amu irratti mari’achuuf yeroo qopha’aa jiranitti.

Tokkummaan Mootummootaa Itti-gala Misoomaa Waaraa 17 qabu keessaa ka sadarkaa tokkoffaa irra jiru, bara 2030tti, hiyyuma fiixee dhumaa irra gahe dhabamsiisna, ka jedhu.

Jaarmayaan gargaarsa daa’immanii “Save The Children” jedhamuu fi Institiyuutiin Misooma Biyyotoa Baar-gamaa jedhamu gabaasaa haaraa dhiheenya baasaniin akka jedhanitti, Addunyaan itti-gala lafa kaayame dhaqqabaa hin jirtu.

Hiyyuma fiixee dhumaa irra gahe kan ijoollee Afrikaa irratti mul’atu dhabamsiisuu hanqachuuf itti gaafatamaan hawaasa Addunyaa fi mootummoota Afrikaa ti, jedha– qorannaan kun.

Gabaasaa guutuu caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:59 0:00


Yaada kenni

XS
SM
MD
LG