Kan dhabamuun isaa mormii doktorootaa kaasisee ture doktorri Zimbaabwee lubbuun argamee jira.
Sagantaa VOA tajaajila Zimbabwee kalessaa irratti Doktorri akkaataan haasaa isaa wal dha’aa fakkaatu Dr. Peter Magombeeyii prezidaantii waldaa doktoroota hospitaala Zimbabwee ti.
Doktorichi ennaa dubbatanitti attamin eenyummaa koo akkan ibsu hin beeku garuu ani Dr. Peter Magombeyii ti, Hospitaala Haraareetiin hojjedha jedhan.
Fulbaana 15 ennaa achi buuteen isaanii dhabame mindaan doktorotaa akka dabalu falmaa turan. haa ta’u malee Haraaree irraa fageenya km 33 irratti kan argamu naannoo Niyaabiraa jedhamu akkataan itti dhufe hin beeku jedhan.
Kan isaan yaadatan namoota hin beekamneen korreentii dhaan shookii ta’uu koo qofa jedhaniiru. Mootummaan Zimbaabwee fi poolisiin dhabamuu Dr. Magombeeyii keessaa harka qabaachuu haalaniiru, garuu doktorri kun akka argamaniif waan danda’ame mara gochaa kan turan ta’uu ibsaniiru. Waa’ee kanaa