Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Giinii Ameerikaa Daawwataa Jiran


Prezidaantiin Giinii Yunaayitid Isteetsiin daawwataa ennaa jiran kanatti waa’ii guddina dinagdee dubbataa jiran, biyya ofii keessatti immoo waa’ee yeroo hojii prezidaantummaa falmii kaasee jira. Prezidaant Alfaa Kondee ennaa daawwannaa isaanii torban tokkoo diplomaatota Yunaayitid Isteetis fi hoogganoota dhaabolii daldalaa waliin wal arganii jiran.

Kaayyoon isaaniis biyya isaanii keessatti investimentii hawachuu akkasumas jijjiirama dinagdee biyya isaanii kan aadaa dhaan albuuda irratti hundaa’e ti. Giiniin qabeenyaa qabdi. Qabeenya uumamaa dhiyeessuuf warra dursan kennan hin taanu. Daldalli asuma biyya keenya akka dhufu, asumatti akka hojjetan barbaanna jechuu dhaan VOA tajaajila Afaan Ferensaayiif ibsaniiru.

Haa ta’u malee kanneen tajjaban waa’ee dimokraasii xobbee Giinii keessaa yaaddoo qaban ibsaa jiran. Kondeen bara 2010 kan filataman waggoota 50 keessatti filanoo biyattii kan walabaa fi haqaa yeroo jalqabaaf geggeessameen ture. Akka heera Giiniitti waggaa dhuftu aangoo gad dhiisuu qabu, garuu duula filannoo itti fufanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG