Daangaa Paakistaan Afgaanistan waliin jiru irratti dho’iinsa boombii raawwateen ajajaan waraanaa fi loltoon tokko ajjeefamuu angawoonni Paakistan beeksisaniiru.
Waraanni Paakistaan akka jedhetti haleellaan boombii sun hojjettoota nageenya daangaa kan konyaa Mohamand waliin hariiroo qaban irratti fuuleffate.
Dubbi himaan waraanaa Majer Jeneraal Asiif Gafoor ibsa gabaabaa kennaniin hoogganaan waraanaa sun dallaa naga eegumsaa naannoo sanaa to’ataa turan jedhan. Naannoon sun naannoo shorokeessonni cabsanii ittiin seenani.
Haleellaan loote seentotaa daangaa qaxxaamure yeroo hedduu loltoota Paakistaan kanneen daangaa irratti fuuleffata.
Waraanni Paakistaan dhiyeenya loltoonni isaa sadii konyaa Waziristaan irratti duraa du’uu beeksisee jira.