Al-shabaab maadhee waraanaa Moqaadishoo Kibbaa keessaa jiru haleeluun Yoo xiqqaate looltoota mootummaa Somaaliyaa 20 ta’an ajjeesuun kanneen biroo 18 madeessuu isaa maddeen nageeyaa raadiyoo sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.
Maddeen kun akka jedhanti hidhattonni kun Dilbata kaleessaa ganama maadhee waraanaa El-Saliin irratti Bombii of wareeginsaa darbachuun sana booda waraana lafoon haleellaa itti fuufan.
Hidhattonni al-shabaab yeroo gabaabaaf maadhe sana to’achuu isaanii aangawaan kutaa Sanaa VOAf ibsanii jiru.Dubbii himaan humnootii addaa kan Soamaalee akka jedhanti hidhattoota lakkofsaan hedduu ta’antu maadhee waraanaa sana irratti haleellaa geesise.
Mowlid Hassan akka jedhanti wal waraansii gaggeeffame daqiiqaa 40 kan fudhate yoo ta’u hidhatoonni 13 ajjeefamuu ibsan.Garu waraana mootummaa keessaa meeqa akka ajjeefaman hin ibsine.Waraanni mootummaa somaaliyaa maadhee waraanaa El-Salin baatii darbee Hagayya 6 al-shabaab harkaa to’atan.