Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumiin Tokkummaa Mootummotaa Jalqabamee Jira


Hogganoonni addunyaa kanneen Wiixata har’a gumii Tokkummaa mootummotaaf Neew Yoork keessatti wal ga’an jijjirama qilleensa irratti dubbachuuf jiru.

Kunis hayyonni saayinsii rakkoo jijjirama qilleensaa hambisuuf tarkaanii guddaan fudhatamuu qaba jechuun akeekkachisaa yeroo jiru kanatti.

Prezidaantootaa fi mummicha ministeerootaa 60 ta’an walgahii guyyaa guutuu gaggeessan kanaan cileen gargaaramuu irraa gara madda Eneerjii haara’uu danda’uutti jijjiruu, balaa ittisuu fi faalama qilleensaa dhabamsisuuf maallaqanii akka ramadamu gochuu kan jedhu of-keessaa qaba.

Prezidaantiin Amerikaa Donaald Traamp walgahii kana irratti hin argaman jedhamee ture.Garu akka tasaa argaman. walgahii namoota amantii hordofaniif jecha ajjeefaman keessumaa kristaanoota irra ga’u irratti hirmaatu.

Barreessaa dureen Tokkummaa mootummotaa Antoniyoo Gutarees jijjirama qilleensaa kan ilaaleen dubbachuun barbaachisaa ta’u,hogganoonni rakkoon isaan mudatee afaaniin odeessuu qofa otoo hin taane karoora qabatamaa fidanii dhufuu akka qaban hubachiisu.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG