WAASHINGITAN, DIISII —
Ruwaandaa fi Ugaandaa giddutti muddaminsii hammaatee jira. Ugaandaan garee shoroorkeessootaaf maadhee taate kana malees lammiwwan koo darartii jechuun Ruwaandaan himatte.
Biyyonni lameen hariirioo isaanii foyyeesuuf baatii dabree yaada irratti walii galan mallatteessanii turan.Garu taajjabdonni akka jedhanti waliigalteen tolfame rakkoo jiru kan foyyeessu miti.
Baatii Guraandhala darbe Ruwaandaan lammiwwan ishee Ugaandaa akka hin seenne dhorkite.Kun immo biyyoota lameen keessatti daldala miidhe.
Mootummaan Ugaandaan gama isaan akka jedhutti dhimmi lammiwwan Ruwaandaa deemsa seeraan kan ilaaluu akkasumas nageenya Ruwaandaa jeequ kan hin barbaanne ta’u ibsee jira.