Barreessaan muummichi, ka Tokkummaa Mootummootaa – Antoniyoo Guterez, gumiin walii-galaa Tokkummaa Mootummootaa jijjiiarama haala qilleensa Addunyaa fooyyessuuf qabsoo godhutti akka milkaa’aa hin jirre dubbatanii, garuu “garuu, haala qilleensa addunyaa kana garagalchuuf ammallee yeroon ni jira,” jedhan.
“How’aa fi qabbana qilleensaa hin eegamiin, jandoo fi buubbee hamaa fi haala saayinsii haaluun hin danda’amne tu uumamaa jira,” ka jedhan – Guterez, Addunyaan hariitii barbaadameen ta’uu dhaa baateyyuu kallattii sirriitti akka deemaa jirtu dubbatan.
Rakkoo qilleensa naannoo Addunyaa kana furuuf, Tokkummaa Mootummootaatti, korri hojii dhimmi qilleensa naannoo kan “Climate Action Summit” jedhamu, kaleessa geggeessamuu isaa dubbatanii jiran – Guterez.
Haasaa baninsaa gumii Tokkummaa Mootummootaa Guterez dhageessisanii booda, hirmaattonni gurmuu hoogganootaa – Prezidaantii Yunaayitid Isteetis – Doonaald Traamp, Prezidaantii Raashiyaa – Vilaadmiir Puutiin, Prezidaantii Turkii – Resep Xayyib Irdogaan, Prezidaantii Kooriyaa – Moon Jae-in fi Prezidaantii Faransaay – Emaanu’eel Maakroon of keessaa qabu irraa haasawa dhaggeeffachuuf jiran.