Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorannaan Prezidaant Traampiin Aangoo Irraa Buqqisiisuu Malu Akka Geggeessamu Labsame


Prezidaantii Yunaaytid Isteets Donaald Traamp aangoo irraa kaasuuf qorannaan barbaachisu akka gaggeeffamuuf Afyaa’ii mana maree yunaaytid Isteets Naansii Peloosii Kibxata kaleessaa gaafatanii jiru. Filannoo prezidaantummaa bara dhufu jechuun 2020 Amerikaa keessatti gaggeeffamuu irratti Traamp deebi’anii filatamuuf gargaarsa biyya alaa gaafatan, ka jedhu irratti geggeessama – qorannaan kun.

Miseensoota mana maree keessaa Demookraatonni 173 yaada Pelosiin dhiyeessan deggeran. Kunis itti aanaa prezidaantii Amerikaa duraanii fi kan amma Demokraatootaa irraa prezidaantummaaf dhiyaachuuf dorgomaa jiran Joe Biden fi ilma isanii kan ilaaleen Yukreen akka dhiibbaa gootu Traamp gaafatan eega jedhamee booda.

Qorannaan Prezidaant Traampiin Aangoo Irraa Buqqisiisuu Malu Akka Geggeessamu Labsame
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:49 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG