Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimma Aangoo Irraa Kaafamuu Traamp Ilaalchisee Qorannaan Itti Fufee Jira


Daayrikterri dhaaba tika nagaa Yunaayitid Isteetis yeroofii kan eeruun gocha yakkaa akka ifa hin bane ugguranii turan amma qorannaa aangoo irraa kaasamuu preziddaant Doonaald Traamp geggeeffamu ilaalchisuu koree tika nagaa mana maree bakka bu’ootaaf mul’inatti dhugaa ba’uuf jiru.

Joseef Maguurii miseensota koree tika nagaa Senetiifis cufataatti ibsa kennu jedhamee eegama.

Dhuga ba’umsa isaanii dura koreen mana maree bakka bu’ootaa barreeffama eeruu gocha yakkaa sana ifa gochuuf jira.

Komeen eeruu gocha yakkaa sun akka jedhutti yeroo hojii koo sirnaatti, odeeffannoo hedduu kan Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis jiddu seeniinsa biyyoota alaa filannoo bara 2020f barbaaduuf jecha aangoo isaaniitti fayyadaman kan jedhu angawoota mootummaa Yunaayitid Isteetis biraa argadheera jedha.

Roobii kaleessaa galgala seera tumtonni hangi tokko kanneen koree tika nagaa waliin wal argan eeruun gocha yakkaa sun akka xiinxalamu eeyamaniiru. Xiinxalli sunis paartilee lamaan gidduutti adda addummaa uumee jira. Demokraatonni fi akkaan barbaachisaa dha yoo jedhan Ripaablikaanonni immoo eeruun sun uummataaf ifa ta’uun carraa prezidaantummaa Traamp irratti garaagarummaa fida yaaddoon jedhu hin jiru jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG