Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimmi Israa’elii Fi Faalisxiin Mata Duree Marii Gumii Tokkummaa Mootummootaa Ta’uu Mala


headquarters in New York City, New York
headquarters in New York City, New York

Hoogganoonni gumii tokkummaa mootummootaa kan NY keessatti wal ga’an hoogganoonni Israa’elii fi Faalsxiin wal ga’ichaaf haasaa waan dhageessisaniif jecha waa’ee walitti bu’iinsa biyyoota lamaanii dhaga’uuf jira.

Prezidaantiin Faalisxiin Maamaud Abbaas ganama irra haasaa dhageessisuuf jiru. muummichi ministeeraa Israa’el Benjamin Nataanyaahuu immoo filannoo torban darbee booda mootummaa hundeessuuf yaalaa jiran, kanaaf bakka isaanii ministeera haajaa alaa Israa’el Kaaz waaree booda gumii tokkummaa mootummootaaf haasaa dhageesisuuf jiru.

Kan garamitti akka deemu hin beekamne Briteen gamtaa Awrooppaa keessaa ba’uus ajendaa marii ta’uu mala. Prezidaantiin gumii gamtaa Awrooppaa Doonaald Tusk illee haasaa dhageessisuuf jiru.

Muummichi ministeeraa Briteen Booris Joonsen ennaa torban kana haasaa dhageesisan waa’ee Briteen Awrooppaa keessaa baatuu hin dubbanne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG