Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Hiriira Mormii Masrii Irratti Hirmaatan Hidhamaa Jiraachuutu Gabaasame


Gareen mirga namaa Masrii namoonni hedduun kanneen hiriira mormii xumura torban darbee irratti hirmaatan to’annaa jala ooluu fi lakkoobsi namoota hidhamanii kuma lama ta’uu beeksisee jira.

Gareen “ The Egyptian Center for Economic and Social Rights” jedhu ibsa fuula FB isaa irratti maxxanseen akka jedhetti kanneen hidhaman namoota 1915 keesssaa 96 ijoollee dha.

Jimaata darbe Kaayiroo fi konyaalee hjedduu keessatti namoonni dhibbaan laka’aman hiriira mormii ba’uu dhaan prezidaant Abdel-Fattaa el-Sissi aangoo irraa akka bu’an gaafatan.

Poolisiin battala hiriira sana bittimsee jira. garuu battala jeequmsi daandii irratti ka’ee jira.

Ergasii qabee angawooni namoota hedduu hidhaa jiraachuu abukaatoleen mirga namaa beeksisanii jiru. Hidhaan kun kan dhaga’ame hiriir ka biroon guyyoota dhufan akka geggeessamaniif miidiyaa hawaasaa irratti waamichi erga darbee booda.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG