Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Ferensaay Duraanii Du’aan Boqotan


Faayilii - Pirezidaantii Ferensaay duraanii, Jaakuwes Shiiraak
Faayilii - Pirezidaantii Ferensaay duraanii, Jaakuwes Shiiraak

Ferensaay prezidaantiin ishee duraanii kan umrii isaanii waggaa 86tti Jaakuwes Shiiraak du’aan boqochuu isaaniif gadda irra jirti.

Seera tumtoonni Ferensaay yeroo gaddaa daqiiqaa tokkoo kan qabaatan yoo ta’u prezidaant Imaanu’el Maakroon guutuu biyyaaf gara boodaa haasaa dhageessisuuf jiru.

Jaakuwes Shiiraak muummicha ministeeraa booda irras kurna tokko oliif prezidaantii ta’anii tajaajiluu isaanii dura waggoota 18f bulchaa magaalaa Paaris turan.

Kan isaan itti yaadataman keessaa hoogganaa Ferensaay ka duraa biyyi isaanii fixiinsa Naazii keessatti qooda isheen qabaatte haasaa bara 1985 dhageessisaniin beeksisan turan.

Weerara bara 2003 hooggana Yunaaytid Isteetisiin Iraaq irratti geggeessames mormaa tuaran. Shiiraak hoogganaa Gaaboon Omar Boongoo, kan Burkinaafaasoo Blaise Komaawree fi kan Ripaablikii dimokraatawaa Koongoo Denis Saassuu Nguessoo dabalatee michuu hoogganoota Afriikaa turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG