Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Areerotti Ajjeechaa Humna Nageenya Mootummaarra Gahe Nutu Fudhate’ Ajajaa Waraana ‘WBO’ Kibbaa


 Obbo Goollicha Dheengee tarkaanfiin kun ka fudhatame gatii humni raayya ittisa biyyaa naannoo kibbaa jiru ummata naannoo hiraarsaa jiruuf kana fudhanne jedhan
Obbo Goollicha Dheengee tarkaanfiin kun ka fudhatame gatii humni raayya ittisa biyyaa naannoo kibbaa jiru ummata naannoo hiraarsaa jiruuf kana fudhanne jedhan

Gaggeessaa humna waraana bilisummaa Oromoo ka zoonii kibbaa ta;uu ka himan Goollicha Dheengee sanbata darbe balaa miseensota humna naga kabachiiftota mootummaa Boorana Areeroorratti dhaqqabe nuti fudhatee jechuun dubbatan.

Tarkaanfii Aanaa Areero ganda Oroototti dhaqqabeen sanbata nami shan du’uu godinni booranaa ka beeksise yoo tahu, kanneen keessa milishootni fi miseensonni raayyaa ittisaa biyyaa akksumas dhalatan naannoo ka konkolaachisaa turee fi barataan kutaa 8 keessa jiruu jedhee jira. Obbo goollicha tarkaanfii garee keessaniitiin nami nagaanillee du’e kana maal jettuu jechaan gaafatamanii deebi itti aanu kennan.

Obbo Goollichi ammas walitti bu’iinsi gam kibbaa jiru ittuma jira jechuun himanii jiru. Himata isaa yeroo dabreen godinni Booranaa humni maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon kibba Oromiyaa keessa socho’u Ambuulaansii dhukkubsatoota hospitaalaan geessu dabalatee qabeenya ummataarraan balaa geessisaa jiruu jechuun himatee jira. Obbo Goollichis waa’ee himata kanaa gaafatamanii jiru.

‘Areerotti Ajjeechaa Humna Nageenya Mootummaarra Gahe Nutu Fudhate’ Ajajaa Waraana ‘WBO’ Kibbaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:20 0:00


XS
SM
MD
LG