Hidhattoonni Al-shabaab, dirree xayyaaraa waraanni Yunaayitid Isteetis, kan humnoota Somaaliyaa gargaaraa jiru itti fayyadamu irratti haleellaa banan.
Dirree xayyaaraa Baalii Doogalee, kan kutaa Shabalee gara Gad-jallaa keessatti argamutti kallattii lamaan dhokaatota konkolaatotatti guutaman itti dhoosan. Magaalaa Moqdishoo irraa gara kiiloo-meetira 90 irratti kan argamu - dirree xayyaaraa kanatti namni dhihoo jiraatu, sagalee dho’insaa lama dhaga’uu isaa dubbata.
Halellaalee maadhee sana sochoosaniif, Al-shabaab itti gaafatama fudhatee, lolli ammallee akka itti fufee jiru dubbate.
Raadiyoon waraana biyyaalessaa Somaaliyaa immoo, oduu fuula Tiwiiterii isaa irratti maxxanseen, hidhattoonni fiinxaaleyyii mooraa sanaa alatti dhoosan – jechuudhaan, akka loltootoonni mootummaa Somaaliyaa fi waahiloonni isaa Yunaayitid Isteetis haleellaa sana of irraa deebisan dubbate.
Somaaliyaatti Ambaasaddarri Yunaayitid Isteetis haleellicha balaaleffatee, tarkaanfii “humnoonni nageenyaa Somaaliyaa fudhatan” jedhu immoo faarsee jira.