Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Yunaaytis Isteetes Ertraa Daw’atee Jira


Imaltuu jila kanaa Natalie Brown embaasiin Amerikaa Ertraa jiru Fulbaana 26 hanga 28 simate.Jilli kun waajira waa’ee Demokraasii mirga dhala namaa fi hojjattootaa akkasumas waajira waajira walabummaa amantii kan sadarkaa addunyaatu mootummaa Ertraa Diplomaatotaa fi bakka bu’oota gosa amantii adda addaa kan Ertraa keessaa waliin dubbatan.

Akka carraa ta’ees kabajaa ayyaana Damaraa ilaaluu danda’anii jiru.

Jilli Tokkummaa Mootummotaa Ertraa Daawwate

Itti aanaa barreessaa dureen tokkummaa mootummootaa kan gargaarsa dhala namaa Ursula Muller Fulabaana 30 fi onkolooleessa 1 guyyaa lamaaf Ertraa daw’atani jiru.

Daw’annaan kun bu’a qabeessa akka ture ministeera eegumsa biyyaa , ministeera qonnaa, ministeera waa’ee misoomaa fi ministeera odeeffannoo, ministeera hojjattootaa ministeera gargaarsa hawaasaa fi dura teessuu waldaa gamtaa dubartoota Ertraa waliin marii gageessuun isaanii ibsamee jira.

Mariin kunis gara fuula duraatti walta’iinsa misoomaa mootummaan Ertraa tokkummaa mootummotaa waliin michomaan waan hojjachuu danda’u irratti kan fulleeffate ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG