Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pompeyoon Tuuta Oduuf Ibsa Kennan


Haasawaa bilbilaan prezidaant Traamp gita isaanii kan Yukreen waliin gaggeessan sana dhaggeeffataa akka turan ministriin danta alaa Amerikaa Maayk Pompeewo amananii jiru.

Kanas kan mirkaneessan Roobii har’a tuuta oduuf Room xaaliyaanii keessatti ibsa kennaniin ture yoo ta’u garu bilbilaan maal akka waliin jedhan gad fageenyaan hin ibsine.

Pompeewo torban dabree Televiziyoona ABC jedhamu waliin gaaffii fi deebii gaggeessaniin waa’ee bilbiilaan dubbatan jedhame Sanaa ifa hn baasne.

Waa’een haasaa bilbilaan gaggeeffamee sun Traamp dhimma filannoo bara dhufu jechuun 2020 yunaaytid Isteetes keessatti gaggeefamuuf jiru keessa biyya alaa seensiisan yaaddoo jedhu umee jira.

Kunis gama Demookraatootaa irraa dorgomuuf ka jiran Joo Baayden ilaalchisee Yukreen qorannaa akka gaggeessitu gaafachuu of keessaa qaba.

Traamp garu haasawaa bilbilaan gaggeessan sana keessatti waaniin balleesse hin jiru jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG