Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Axaayeetti Tasgabiin Bu’eera.: Angawaa


Itoophiyaa map
Itoophiyaa map

Dheengaddaa fi kaleessa naannoo Amaaraa godinaa Shawaa Kaabaa aanaa Efraataa fi Gidim naannoo Haxxaayyeetti akkasumas kan olla asana jiru – godinaa addaa hawaasa Oromoo keessatti hookkarri uumamee ture har’a qabbanaa’ee jira – jechuun humnoonni naga-eegumsaa fi jiraattonni dubbatanii jiran.

Itti-gaafatamaan bulchiisaa fi nageenyaa aanichaa kaleessa ibsa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin, “kanneen dhukaasa banan hidhatoota meeshaalee akka Matarayeessii fi Isnaayipperii qabatan” jechuun dubbatanii turan.

Kan VOAf yaada isaanii kennan – jiraataan Kaarraa Qoree tokko “ammallee haalawwan akka wal muddinsi sun hammaatu gohan waan mul’ataniif humni naga-eegumsaa amansiisaan naannoo sana qubsisamuu qaba” jedhan.

Achuma aanaa sana keessa – naannoo Maajeteettis har’a ganama sagaleen dhukaasaa dhaga’ame – jedhama.

Gabaasaa Mesfin Arraagee Caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:23 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG