Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaatti Ambaadaaddeerri Ameerikaa Maqalee Daawwatan


Ambaasaaddor Raayner adeemsa nagaa Iiyoophiyaa fi Eertraa ilaalchisuu hayyoota waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddor Raayner adeemsa nagaa Iiyoophiyaa fi Eertraa ilaalchisuu hayyoota waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddorri Ameerikaa Maaykil Raayner kaleessa magaalaa Maqalee daawwatanii jiru.

Turtii isaaniitiinis adeemsa nagaa Iiyoophiyaa fi Eertraa ilaalchisuu dhaan Yuniversitii Meqelee keessatti hayyoota waliin mari’ataniiru.

Daayrikterri dhimmootii sadarkaa addunyaa kan Yuniversitichaa obbo Goo’itoom Tegeny VOAf akka ibsanitti ambaadaaddrichi waggaa darbe adeemsi nageenyaa Eetraa fi Ityoophiyaa gidduutti jalqabame haala barbaadameen maaliif itti hin fufne? Daangaan maaliif cufame kan jedhu irratti hayyoota waliin marii geggeessaniiru.

Gaaffii kanaaf hayyoonni ennaa deebisan biyyoota lamaan gidduu hariiroo jiru waltaalee kan hirmaachise miti kana ilaalchisuun rakkootu jira jechuu isaanii obbo Goo’itoom dubbataniiru.

Mootummaan Ameerikaa Yuniversitii Maqaeef deggersa inni godhu illee ambaasaaddor Maaykil Raayner waliin mari’achuu isaanii dubbataniiru jedha Mulugeta Atsbeha Maqalee irraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG