Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bara Kanaa Kaasee Barnootni Sirna Gadaa Yuuniversitii Bulee Horaatti Ni Kennama


‘Barnootni kun Introduction to Gadaa System jedhama.

Yuuniversitiin Bulee Horaa bara barnootaa 2012 (2019 – 2020) kaasee Sirna Gadaa ilaalchisuun barnoota qopheesse barattootaaf akka kennuuf jiru beeksise. Prezdentiin Yuuniversitii Bulee Horaa Dooktor Caalaa Waataa, barnootni kun warra bara kana eebbifamanirraa kaasuun barattoota yuuniversitichatti baratan hundaaf kennamuuf akka qophaaye VOA’f himaniiru. Kun ka ta’eefis Gadaan bu’aa qarooma ummata gurraachaati; Yuuniversitiin Bulee Horaas kana ifa baasuuf hojjetaa jedhan.

Bara Kanaa Kaasee Barnootni Sirna Gadaa Yuuniversitii Bulee Horaatti Ni Kennama
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:33 0:00


‘Gadaan qarooma ummata gurraachaati; ummanni Oromoon sirna bulchiinsaa kana kalaqee ittiin of bulchaati ture. Garuu jidduutti sirni alagaa dhufee sirna kana fayyadaminarraa maqse. Kana iddootti deebisuuf dargaggeessi Oromoo fi sab lammilee biyyattii keessa jiran kaan waliin karaa nagaatiin qabsaa’aa turan. Ijoolleen qabsoo nagaa gaggeessaa turan kun ilmaan Abbaa Gadaati. Gadaan nageenya labsa’ - Dr. Caalaa Waataa Darasoo, Pirezdentii Yuuniversitii Bulee Horaa.

Dookter Caalaan, kanaaf mala ijoolleen Oromoo karaa nagaan itti qabsaa’anii jijjiirama fidan kana barsiisuun nurraatii eegama jennee barnoota kana dhaloota barsiisuuf karoorfanne jedhan. Haalli kenniinsa barnoota kanaas walii galaan (Common Course) ta’uu Dooktor Caalaan dabalanii ni dubbatu.

‘Barnootni kun Introduction to Gadaa System jedhama. Barnootni akkasii Yuuniversitii Itiyoophiyaa keessa jiran kamittuu kennamee hin beeku kun ka jalqabaati. Walii galaanis gadi fageenyaan qabiyyeen barnoota kanaa, waan sirni Gadaa qabu qoratameetu ka bocamee, beektota Yuuniversitii adda addaa keessa jiraniini kan qophaaye’ Dr. Caalaa Waataa Darasoo, Pirezdentii Yuuniversitii Bulee Horaa.

Barnoota kana kennuufis yuuniversitiin Bulee Horaa qorannoo gahaa akka taasise, barattoonni barnoota kana fudhatanis eger beekumsa kana maalirra akka oolfatan qorannaan gahaan gaggeeffamee hojiitti seennee jedhu.

Yuuniversitiin Bulee Horaa, Barnootni Gadaa jalqaba barattoota Digrii jalqabaa barataniif, dhiyeenyatti ammoo Sadarkaa Digrii lammataatiin Gadaa and Peace Studies/ yookaan Sirna Gadaa fi Barnoota Qo’annoo Nageenyaa jedhamee kennamuuf jiraa kan inni jedhe.

Dr. Caalaan karoora barnoota kana kennuu Yuuniversitichi erga jalqabee akka bubbule himanii, haala barnoota kanaa haa qindeessuuf giddu gala Qorannoo Sirna Gadaa ijaaree eebbisiisuusaallee beeksisan. Obbo Roobaa Dambii Hoogganaa Giddu - Gala Qorannoo Sirna Gadaa Yuuniversitii Bulee Horaati. Giddu -Galli Qorannoo kun barnoota Sirna Gadaa kennamuuf jedhu kana itti gaafatamummaan gaggeessa jedhan.

‘Giddu – Galli Qorannoo Gadaa kun ergamni isaa beekumsa “Jeebanaa’aa” jenna nuti jechuun (indigineous knowledge) isa jedhan qoratee gara barnoota baratamuutti ceesisuu, kana malees Yuuniversitiin Bulee Horaa, madda qaroominaa jedhee Aadaa fi Gadaa ummata naannoorratti hojjetaa jira, Giddu – Galli kun kana durummaan gaggeessa.’ Obbo Roobaa Dambii Hoogganaa Giddu - Gala Qorannoo Sirna Gadaa Yuuniversitii Bulee Horaa

Obbo Roobaan yuuniversitiwwan biyyattii keessa jiran kaan duukas, akkaataa barnootni kun eger itti baballatu fi gabbatrurrattillee mariyataa jirraa jedhan. Kana malees Yuuniversitiwwan naannno Oromiyaa keessa jiran barnoota kana bocuu, gabbisuu keessatti nuu waliin hojjetaa jiru, bu’aa barnoota nu kenninu ilaalanii isaanis barnoota kennuuf itti adeemuuf yaada qabu jechuun dubbatan.

Barattootni Yuuniversitii Bulee Horaa waa’ee jalqabamuu barnoota Sirna Gadaa kana gammachuun simataa jiru. Mullataa Mekonnin barataan Universitii Bulee Horaa Sirni Gadaa kalaqa guddaa waan ta’eef barnootni isaa guutu biyyaa, darbees Gaanfa Afriikaattillee darbee kennamuu qaba jedhe.

Hoogganaan Giddu Gala Qorannoo Sirna Gadaa yuuniversitii Bulee Horaa obbo Roobaa Dambii barnoota kana ilaalchisee barnootni naannoo biroorraa dhufan yaadi isaanii akka walitti qabame isaanis ‘sirna Gadaarraa barachuun fayyadamoo nu taasisa’ deebii jedhu akka kennan dubbatanii jiru.

Dabalaniis barnootni kun dhimma nageenyaa, hawaasummaa fi waliin jireenya waliin walitti qabamee waan barattootaaf kennamuuf mooraa barnootaa keessatti rakkoon nageenyaa yoo mudate salphaatti furuuf, darbees lammii gaarii biyyaaf guddisuuf gargaarallee jedhanii jiru.

Barnootni Sirna Gadaa Yuuniversitii Bulee Horaatti qophaaye kun Afaan Ingiliziitiin kennam

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG