Xurree ittiin seenan

Breaking News

Badhaasni Kabajamaan Kun Jjijjiirramaa Ajaa’ibsiisaa Hoggansa Dr. Abiyyin Dhufe Dhugaa Baha: Ibsa Imbaasii Yunaaytid Isteets


Badhaasni Kabajamaan Kun Jjijjiirramaa Ajaa’ibsiisa Hoggansa Dr. Abiyyin Dhufee Dhugaa Baha: Ibsa Imbaasii Yunaaytid Isteets
Badhaasni Kabajamaan Kun Jjijjiirramaa Ajaa’ibsiisa Hoggansa Dr. Abiyyin Dhufee Dhugaa Baha: Ibsa Imbaasii Yunaaytid Isteets

Imbaasiin Yunaaytid Isteets Muummeen Ministiraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad badhaasa Noobeelii Nagahaa baranaa moo’achuu isaanitiin erga baga gammaddanni ummata Itoophiyaatif dabarse.

“..ifaajjee nagahaa fi wal-ta’iinsaaf godhan akkasumas walitti bu’iinsa daangaa biyya oollaa, Eertiraa, wajjin ture furuuf murtee kutannoodhan fudhatanif,” badhaasni Noobeelii 100ffaa, kan baranaa kabajamoo Dr Abiyyi kennamuu isaatin nu’is gammachuu kana ummata Itoophiyaa fi Muummicha Ministiraa wajjin hirmaanna, jedha ibsi Immaasii Yunaaytis Isteetsin Jimaata harraa, Onkoloolessa11 bahe kun.

Ibsichi dabaluudhaniis, badhaasni Kabajamaan kun jijjiirramaa ajaa’ibsiisaa hoggansa Dr. Abiyyin dhufe agarsiisuu eera.

Ifaajjii guddaa hariiroo Eertiraa wajjin ture deebisee ijaaruuf godhe malees, Dr Abiyyi, kutannoo fi amantaa sirna dimookiraasii fi bulchiinsa hunda hirmaachisu ijaaruuf qabu, akkasumas dirree siyaasa balliisuu fi walabummaa piresii jabeessuudhan, hidhamtoota siyaasaa bilisa baasuudhan,Itoophiyaa dinagdeen ceesisuu irratti waan guddaa agarsiisera, an jedhu, ibsi Imbaasichaa, “Yunaaytid Isteets kana bira dhabbachuu fi qarqaaruuf kutannoon qabdu ammas itti fufa,” jechuudhan xumura.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG