Xurree ittiin seenan

Breaking News

Badhaasi Noobelii Nagaa Kun Muummichi Ministeeraa Abiy Ahimed Gara Mirga Namaatiin Jijjiirama Akka Fidan Jajjabeessuu Qaba: Amnestii


Badhaasi kun mootummaan muummicha ministeeraa Abiy hacuuccaa Itiyoophiyaa keessaa kan kurna hedduu booda mirga namaa ilaalchisee jijjiiramaaf kaka’umsa inni argamsiiseef beekkannaa kenneef jechuu dhaan muummichi barreessaan Amnestii Internaashinaal Kumii Naa’iidoo dubbataniiru.

Baatii Ebla bara 2018 erga aangootti dhufanii qabee jijjiirama waaltaa humnootii nageenyaa keessatti fidan, seera jaarmolii gargaasaa akkasumas biyya hollaa Eertraa waliin nageenya buusuuf walii galteen nageenyaa akka irra ga’amu gargaaranii jiran.

Hoogganoota bulchiinsa waraana Sudaanii fi mormitoota siivilootaa gidduutti walii galteen akka uumamu jaarsummaan gidduu seenuu dhaan hiriirri mormii baatileef ture akka xumuramu gargaaraniiru.

Badhaasi kunis rakkoo dhiitamiinsa mirga namaa kan hojii hanga ammaatti hojjetame faallessuu malu dhaabsisuuf cimanii akka hojjetan isaan jajjabeessuu qaba. Mootummaan muddamiinsa gosoota gidduu jiru kan sabatiinsaa fi dhiittaa mirga namaaf sodaachisu hatattamaan akka beeksisu mirkaneessuu qabu.

Mootumaan isaanii labsiin farra shorokeessummaa kan akka meeshaa hacuuccaatti ittin gargaaru akka hambisu fi shakkamtoota dhiittaa mirga namaa raawwatan jedhaman murtiitti dhiyeessuu qaba jedha ibsi Amnestii kun.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG