Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nagaa Fi Araarri Bu’uura Guddina Biyyaati: Komiishina Nagaa Fi Araaraa Itiyoophiyaa


Koomishinni nagaa fi araaraa, bulchiisa naannoo Kibbaa keessatti hojii araaraa fi nagaa geggessu ilaalchisee, har’a itti-aanaa prezidaantii naannichaa waliin, waajira isaaniitti mari’atee jira.

Dura taa’aan komiishina araaraa fi nageenyaa abuuniin Kaatoliki kaardinaal Biraane Yesuus Abbaa Suraafeel akka jedhanitti uummattoota Itiyoophiyaa gidduu kan ture haaloo fi jibbiinsa dhugaa fi haqa irratti hundaa’uu dhaan nagaa fi araara buusuun barbaachisaa dha jedhan.

Komiishinichi kana gochuuf baatilee saddeet dura hojii jalqabe. Bulchitoota naannoo waliin mariin geggeessamu illee qaamuma kanaa ti jedhan.

Dura taa’aan komiishina kanaa mootummaan naannoo komiishina nagaa fi araaraa waliin hojjechuu dhaaf kaka’umsa guddaa inni qabu jedhan illee ajee’iffataniiru.

Nagaa Fi Araarri Bu’uura Guddina Biyyaa TI: Komiishina Nagaa Fi Araaraa Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:09 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG