Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Kibbaatti Jandoo Roobaatiin Lafti Citee Namoota 23 Fixe


Naannoo Kibbaatti Jandoo Roobaatiin Lafti Citee Namoota 23 Fixe
Naannoo Kibbaatti Jandoo Roobaatiin Lafti Citee Namoota 23 Fixe

Bulchiisa naannoo Kibbaa, aanaa addaa Kontaa keessatti lafti cituu irraa kan ka’e namoonni 23 du’uu isaanii bulchiisi aanichaa beeksisee jira.

Itti-gaafatamaan Aadaa fi Toorizimii fi Dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa aanaa addaa Kontaa, Obbo Taakkelee Tasfuu ibsa kennaniin, kaleessa halkan akka lakkobsa Itiyoophiyaatti gara sa’atii kudhaniitti balaa dhaqqabe kanaan kanneen lubbuu dhaban miseesota maatiilee shanii tahuu isaanii fi kanneen keessaa 13 dubartoota kaan dhiirota tahuu dubbatanii jiran.

Akka jecha isaaniitti, maatiilee ganda Ammayyaa jedhanmu keessa jiraatan, halkan jandoo hamaa bu’een, otuu halkan hirriba keessa jiranii lafti ittiin cite.

Lafichi humna namaan qotamee haga ammaatti reeffi namoota 12 ka baafame yoo tahe, kanneen hafan ammallee barbaadamaa jira – jedhama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG