Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tarkiin Haleellaa Gaggeessaa Jirtu Dhaabuu Qabdi: Prezidaant Traamp


Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Donaald Traamp Tarkiin haleellaa Siriyaa Kaabaa keessatti gaggeessitu dhaabdee dhukaasa dhaabiinsii akka argamuun dhiibbaa gochaa jiran.

Kana malees aangawoota Tarkii irra uggurri akka ka’amu gochuuf akkasumas rakkoo kana furuuf jila itti aanaa prezidaantii Amerikaa Maayik Peensiin hogganamuu gara Ankaaraatti erguuf karoorfatanii jiru.

Tarkiin karoora yeroo dheeraaf irratti hojjataa turteen gara Siriiyaa seenuuf akka jirtu Waayit Haawuus eega beeksisee booda tarkaanfii Traamp fudhatan qeeqa guddaa hordoofsisee jira.

Kunis kurdoota Amerikaa cina dhaabatanii hidhattoota Islaamaa waraanaa turan irratti duula gaggeeffamu ture.Tarkiin immoo Kurdoonni kun shoroorkeessoota jechuun haleellaa irratti bantee jirti.

Haleellaa Tarkiin jalqabde kun immoo humnootiin kurdootaa kanneen Syriyaan Democraatic forces jedhaman mootumama siriyaa wajjiin walii galan tolche.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG