Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummotaa Gabaasa Haaraa Baase


Deemsa filannoo prezidaantii Afgaanistaan irratti haleellaa lootee seentonni gaggeessaniin sivilloota midhaman 460 ta’an keessaa kanneen 85 galaafachuu isaa qorannaan Tokkummaa mootummotaa hubachisee jira.

Garee Tokkummaa mootummotaa Afgaanistaan keessatti imala irra jiruun gabaasnii haaraa kibxata har’a ba’e akka jedhutti namoota midhaan kun irra ga’e kana keessaa harka 80 caalaan duula hokkaraa fi doorsiisa Talibaan beekaa gaggeessee fi filannoo Fulbaana 28 gaggeeffame jeequu isaan kan uumamee dha.

Gareen Taalibaan irra deddebi’uun ibsa ifatti baaseen uummanni Afgaanistaan ba’e sagalee kennuu irraa akka of-qusatu akkasumas looltoonni isaa qindeessitoota filannoo akkasumas humnootii nageenyaa kanneen deemsa filannoo eegan akka haleelan akeekkachisee ture.

Guyyaa sagaleen kenname qofa hokkarri uumamee siviloota 28 galaafatee kanneen 250 ta’an madeesse.siviloota mada’an kana 3 keessaa harkii tokko ijoollee dha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG