Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angootuun Amerikaa Ka duraanii Dhiyaatanii Deebii Kennanii Jiru


Raashiyaa fi Awuroopaa keessatti gargaartuu sadarkaa olaanaa kan Prezidaant Traamp ta’uun kan hojjataa turan Fiona Hiill Wiixata kaleessaa Yukreenti Ambaasaaddara Amerikaa kan ta’an Marie Yovanovich aangoo irraa kaafamuu jabeessanii kan morman ta’u dubbatan.

Dhuga ba’uumsii Fiyoonaa Hill cufataan kan gaggeeffamee yoo ta’u gad fageenyaan qabiyyeen isaa Gazeexaalee adda addaa irratti maxxanfamee jira.Kunis uummanni waan Hiil Jedhan akka hubatuuf ta’uun beekamee jira.

Hanga baatii Adoleessa darbe Waayit Haawus gadhisanii deemanti kaawunsilii nageenyaa kan prez Traamp keessati dhimmootii Raashiyaa fi Awuroopaaf Daayreekteera gameetti turan.

Hiill Koree tika nagaa kan mana maree bakka butootaan waamamanii gaaffii seera tumtootaaf deebii kan kennan ta’u abukaatoon Hiill ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG