Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Akka Turkiin Haleellaa Kurdootaa Dhaabdu Gaafatte


Itti-aanaa prezidaantiin Yunaayitid Isteetis – Maayik Pens, prezidaantiin Turkii, Resep Xayyib Irdogaan, haleellaa loltoota Kurd ka Siiriyaa Kaabaa keessaa irratti geggeessan akka dhaaban har’a gaafatanii jiran.

Prezidaant Traamp, loltoonni Ameerikaa naannoo wal-waraanssaa Siriyaa gama Kaabaa sana keessaa akka ba’am eega ajajanii booda, Erdogaan immoo loltoota isaanii Siiriyaa Kaabaatti bobbaasuun haleellaa sana jalqabsiisan.

Prezidaantichi Yunaayitid Isteetis kaleessa, waraasi Siiriyaa kaabaa keessaa sun murtii isaaniitti hidhata qabaachuu eega haalanii boodaa fi manni-maree bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteetis illee murtii loltoota Ameerikaa achii baasuu sana balaaleffatu eega raggaasisee booda, itti-aanaa prezidaant Pens immoo har’a hoogganaa Turkii wajjiin walga’anii dubbatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG