Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bokkaan Kaaba Keeniyaatti Roobe Mana Jiraattotaa Balleesse


Roobi ka miidhe tokko Ganda Waaldaati, bulchaan gandichaa ‘chief’ Dootii Jaatanii bokkaan kun ammaa hin dhaabbanne jedhan.
Roobi ka miidhe tokko Ganda Waaldaati, bulchaan gandichaa ‘chief’ Dootii Jaatanii bokkaan kun ammaa hin dhaabbanne jedhan.

Kaleessa bokkaan Kaaba Keeniyaatti roobe lolaa uumee qe’ee nama hedduu balleessee jedhu jiraattonni. Bokkaa booda lolaan lola’e kutaa Bulchiinsa Maarsabiit naannolee Waaldaa fi Solooloo garmalee miidhuu angawootni VOA’f himanii jiru; Galmoo Daawit dabalata qaba.

Kaaba Keeniyaa fi kibba Oromiyaa godina Booranaa bokkaan roobaa jiru jiraattotarraa miidhaa geessisaa jira jedhu jiraattonni. Keessumaa Kaaba Keeniyaa kutaa bulchiinsa maarsabiit jedhamtutti bokkaan kaleessaa kaasee roobaa jiru, qabeenya namaa fi horii manaarraan miidhaa dhaqqabsiisaa jira. Bokkaa kanaan naannoo Waaldaa fi Soloolootti lagni guute manas jigsee qabeenya namni alaa qabu kaanis balleesseera. Aab Galma Dabbasoo abbaan araddaa Solooloo duraanii fi jaarsi biyyaa, waan bokkaan roobe geessisaa jiru akkasitti himan.

Dhaabbati Haala Qilleensaa Keeniyaa Kaaba Keeniyaa fi kibba Oromiyaa bokkaan roobuu ammallee itti fufaa jedhee raaga himee warri bakkeen kana jiraatan of eeggannoo akka taasisan akeekkachiisee jira.

Bokkaan Kaaba Keeniyaatti Roobe Mana Jiraattotaa Balleesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:42 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG