Xurree ittiin seenan

Breaking News

Turkiin Lola Kurdoota Waliin Jalqabde Itti Fufuuf Dhaadatte


Prezidaantii Turkii Recep Tayyip Erdogan
Prezidaantii Turkii Recep Tayyip Erdogan

Prezidaantiin Turkii Recep Tayyip Erdogan har’a prezidaantii Raashiyaa Vladmir Putin waliin wal arguu dhaan tarsiimoo waraanaa daangaa Turkii fi Siriyaa irra jiru ilaalchisee mari’atanii jiran.

Erdogaan yoo loltoonni Kurdootaa utuu yeroon walii galteen lola dhaabinsaa hin dhumatin naannoo sana dhiisanii hin ba’an taanaan lola kan itti fufan ta’uu dhaadatan.

Erdoogaan akka jedhanitti loltoonni Kurdootaa 800 ta’an naannoo daangaa kibba Turkii jiru dhiisanii ba’aniiru, garuu kanneen 1300 ta’an hafanii jiru jedhan.

Hooggantichi Turkii iti dabaluu dhaan kan walii galtee lola dhaabinsaa guyyoota shanii jaarsummaan gidduu seente Yunaayitid Isteetis waadaa seente ba’uu dhaan loltoonni Kurdii gamasii akka ba’an hin goone ta’e, lola keenya murannoo cimaa dhaan bakka dhaabne irraa itti fufna jedhan. walii galteen sun har’a halkan sa’a 10 irratti yeroon kennameef dhumata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG