Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Doonaald Traamp Qorannoon Aangoo Irraa Bu’uu Irratti Dhiyaate Fannisanii Nama Ajjeesuu Dha Jedhan


Prezidaant Doonaald Traamp qorannaa aangoo irraa kaafamuu manni maree bakka bu’oota uummataa dimokraatotaan durfamu irratti geggeessaa jiru, fannisanii ajjeesuu kan seenaa dhaan warren ol aantummaa adii lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa gad qabuuf itti fayyadaman waliin wal fakkeessan.

Ripaablikaanonni martinuu fannisanii ajjeesuu amma argaa jiran kana yaadachuu qabu jechuu dhaan ergaa twiteerii har’a ganama maxxansaniin ibsanii, garuu ni injifanna jedhan.

Yaadi falmisiisaan Traamp dhiyeessan kun battala seera tumtoota dimokraatotaa fi yoo xiqqaate Ripaablikaanii tokko biraa qeeqa dhaqqabsiisee jira.

Miseensa mana maree kan ta’an Karen Bass ergaa twitter sanaaf deebii ennaa kennan adeemsa heera biyyaa, tooftaa gara jabinaa biyya kana keessatti uummata akka kootii dararuuf itti fayyadaman waliin wal fakkeessitaa? jedhan.

Dura taa’aan Ripaablikaanota mana maree Kevin Makaartii immoo of eeggannootu barbaachisa jechuu dhaan jechi kun kan ani itti fayyadamu miti, jechoota akkasiitti walii hin galu jedhan.

Akka jarmayaa bu’aaf hin hojjenne kan “Equal Justice Initiative” jedhutti bara 1877 fi 1950 keessa Yynaayitid Isteetis keessaa lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa 4000 ta’antu kutaalee biyyattii 20 keessa jamaa warren adiin fannisamuun ajjeefaman

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG