Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Briteen Gamtaa Awrooppaa Keessaa Ba’uun Biyya Isaanii Ariifachuu Qaba Jedhan


Muummicha ministeeraa Briteen, Booris Joonsen
Muummicha ministeeraa Briteen, Booris Joonsen

Muummichi ministeeraa Briteen Booris Joonsen yoo manni maree yeroo itti biyyi isaanii gamtaa Awrooppaa keessaa baati hamma xumura baatii Onkoloolessaatti hin murteessu ta’e filannoo paarlaamaa haaraan geggeessa jechuun akeekkachiisan .

Seera tumtoonni har’a gara boodaa wal ga’uu dhaan seera walii galtee gamtaa Awrooppaa keessaa ba’uu kan fuula 115 qabuu Joonsen qopheessan irratti sagalee kennuuf jiru.

Yoo tarkaaniin sun raggaasisame seera tumtoonni seera guyyoota sadii keessatti sirnaan seera ba’e sana raggaasisu irratti sagalee kennuuf jiru.

Joonsen Wixata kaleessaa akka jedhanitti uummati fi ani akkasumas hoogganoonni Awroooppaa kana booda akka lafa irra harkifatu hin barbaan jedhan.

Onkoloolessa 31 Briteen gamtaa Awrooppaa dhiistee haa baatee hojii itti fufna jedhan. Kibxata har’aa ibsa paarlaamaa isaaniif kennaniin yoo yeroon murtaa’e kennamee hin rakkaasiamin filannoo biyyoolessaa geggeessuuf kan itti fufan ta’uu beeksisan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG