Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Hariiroo Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Cimsuu Akka Feetu Beeksiste


Muummee Ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed fi Prezidaantiin Raashiyaa Vlaadmir Putin
Muummee Ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed fi Prezidaantiin Raashiyaa Vlaadmir Putin

Prezidaantiin Raashiyaa Vlaadmir Putin gumii Afriikaa fi Chaayinaa Mooskoo keessatti geggeessame irratti gita isaanii kan Itiyoophiyaa Abiy Ahimed fi hoogganoota Afriikaa kanneen biroo waliin wal arganii mari’ataniiru.

Raashiyaan Hariiroo Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Cimsuu Akka Feetu Beeksiste
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:06 0:00

Prezidaantiin Raashiyaa gumii yeroo jalqabaa kan Raashiyaa fi Afriikaa Mooskoo keessatti geggeessame irratti hoogganoota Afriikaa hedduu simatanii jiran. Raashiyaan ardii warren gama dhiyaa fi Chaayinaa hidda gad fageeffatan keessatti dhiibbaa ishee dabaluu feeti.

Preziaant Vlaadimir Putin har’a gumiin sun banamu haasaa dhageessisaniin Raashiyaan hariiroo daldalaa Afriikaa keessaa qabdu dacha dabaluu feeti jedhan.

Prezidaant Vlaadmir Putin akka jedhanitti daldalli Raashiyaa fi Itiyoophiyaa gidduu jiru dhuguma xiqqoo dha, kanaaf akkaa irratti hojjechuu qabna jedhan.

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimadis gama isaaniin ennaa Itiyoophiyaan walabummaa fi abbaa biyyummaa ishee eeggachuuf dirqamtu, Raashiyaan yeroo mara nu waliin dhaabachuu isheef nan galateeffadha jedhan. Raashiyaan misooma irratti michuu ijoo keenya ta’uu ishee nan mirkaneessa, Itiyoophiyaanis wal ta’iinsa jiru daran cimsuu barbaaddi jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG